skip to content
Primary navigation

Maatiiwwan, Hiriyyootaa fi olloota
Minnesota keessaa Daa’imman
Kunuunsan Deggeruu

Yeroo daa’imman maatii, hiriyyaa ykn ollaa (FFN) kunuunsitanitti, daa’imman, maatii fi hawaasa sana gabbisuu keessatti deggersa akkaan barbaachisaa gootan jechuudha. Isin eegduu daa’imaatiin olidha; nuti immoo hojii keessan kana deggeruuf isin bira jirra.

video-HowWeHelp

Viidiyoo dabalataaf, gara Kuusaa Viidiyoo deemaa

child smiling in foreground friend and parent in background

Naannoowwan nuti Kunuunsitoota FFN f deggersa kenninu

book-icon

Barnoota

 

Kunuunsitoonni FFN daa’imman sagantaa barnoota duraa fi mana barnootaaf ga’an mana barumsaatti akkasumas sagantaan barnoota fagootti akka deggeraniif leecalloowwan barnootaa hedduun ni jiru.

apple-icon

Soorata

 

Soorata daa’immanii akka akka hubataniif fi fooyyessanii leecalloowwan leenjii fi barnootaa kunuunsitoota FFN deggeran ni jiru.

heart-medicine-icon

Fayyummaa fi Nageenya

 

Naannoo fayyaalessa uumuuf barnoota amala hawaasuummaa, fayyaa fi nageenyummaa, akkasumas meeshaaleen barnoota duree leecalloowwan kunuunsitoota FFN f dhihaatan muraasadha.

shield-icon

Nageenyummaa

 

Nageenyummaa daa’immanii mirkaneessuu fi milkeessuuf jecha leenjii fi leecalloowwan kan biroo, kanneen akka geejjibaa, kunuunsitoota FFN f ni dhihaatu.

Kunuunsitoota FFN f deggersawwan akkam akkamiitu dhihaata?

  • Fayyaa fi nageenya daa’immanii milkeessuu fi mirkaneessuuf leenjiiwwanii fi leecalloowwan aadaan wal simoo ta’antu kunuunsitoota FFN f dhihaata
  • Barattoota umuriin isaanii barnootaaf gaheef sagantaa barnoota fagoo kennuuf leenjii kunuunsitoota FFN f
  • Barnoota amala hawaasummaa, fayyaa fi nageenyummaa, akkasumas meeshaalee barnoota duree fi k.k.f tu kunuunsitoota FFN f kennama
  • Tekinooloojii wal quunnamtii karaa sarara kallattii fi leenjii dhimma tekinooloojii deggeru
  • Kunuunsitoota FFN gara neetwoorkii deggersa ogeeyyiitti guddisuuf qacarrii taasifamu
  • Barnoota waa’ee heyyama kunuunsa daa’immanii
  • Maatiiwwaniif barnoota waa’ee Sagantaa Deggersa Kunuunsa Daa’immanii, Iskoolaarshiippii Barnoota Duree fi deggersawwan maallaqaa kan biroo.
  • Qophii barnootaa fi sochiilee leenjii guddina daa’immanii jalqabaa irratti kunuunsitoota FFN fi maatii daa’immaniitiif tajaajila geejjibaa taasisuu
  • Dhimma guddina daa’immanii duree irratti leenjiiwwan aadaan wal siman kennuu
  • Kunuunsitoota FFN f yeroo barnootaa fi taphaa mijeessuu
  • Neetwoorkiiwwan FFN haaraa guddisuu fi kan duraan jiran jabeessuu
  • Kunuunsitootaa fi hojjettoota FFN f deggersa fayyaa sammuu dhiheessuu
  • Garee kunuunsa kennituu maatii, mana bu’ureeffate, FFN fi kunuunsa daa’immanii seera qabeessa garuu heyyama hin qabnee hundeessuu.
back to top