skip to content
Primary navigation

Waa'ee FFN

Maatii, Hiriyyootaa fi Ollaa (FFN) Minnesota keessa jiran deggeruu

FFN Minnesota kunuunsitoota FFN fi abuurtota FFN naannoo kunuunsa jiru yeroo isaan daa’immaniif kunuunsa godhan deggeran wal qunnamsiisuuf hojjechaa jira. Deggersi kun bifa hedduutiin dhufa; abuurtota naannoo tokko- tokkoon dubbisuun, leenjiin, leecalloowwan meeshaa akkasumas bifa biroo hedduun.

Kunuunsi Daa’imanii Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa (FFN) kunuunsa daa’immanii seera qabeessa, garuu eyyama hin qabne maatii hedduuf dhiheessa. Maatiiwwan daa’imman reefuu dhalatanii fi kurkuroo qaban, maatiiwwan hawaasa aadaa fi gosa garaa garaa keessa jiraniif, akkasumas maatiiwwan yeroo hojii idileen alatti hojjetaniif Kunuunsi FFN yeroo hedduu filatamaadha.

Kunuunsi Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa (FFN) tajaajila kunuunsa daa’immanii maatii hedduuf kenna. Maatiiwwan daa’imman reefuu dhalatanii fi kurkuroo qaban, maatiiwwan hawaasa aadaa fi gosa garaa garaa keessa jiraniif, akkasumas maatiiwwan yeroo idileen alatti hojjetaniif Kunuunsi FFN yeroo hedduu filatamaadha.

Maatiiwwan daa’imman reefuu dhalatanii fi kurkuroo qaban, maatiiwwan hawaasa aadaa fi gosa garaa garaa keessa jiraniif, akkasumas maatiiwwan yeroo hojii idileen alatti hojjetaniif Kunuunsi FFN yeroo hedduu filatamaadha. Abuurtonni FFN Waajjira Dhimma Tajaajila Namoomaa Kutaa Kunuunsa Daa’immanii waliin ta’uun kunuunsitoonni FFN kunuunsa, carraawwan barnoota duree, guddina fayyaalessaa fi qophaa’ummaa barnootaa qulqullina qabu akka dhiheessaniif deggersa kallattii ni taasisa.

Abuurtonni FFN Minesootaa bakka hundatti argamu

Abuuraa Naannoo Keessan Jiru Argadhaa

Deggersa Isiniif Malu Argadhaa!

Abuuraa FFN naannoo deggersa isin barbaaddan isiniif dhiheessu argadhaa- kanneen akka leenjii fi fayyummaa fi nageenyummaa daa’imman keessanii fooyyessuufi guddisuuf meeshaalee gargaaran jechuudha.

Abuuraa naannoo keessan jiru argadhaa
woman viewing a tablet with grand children

 

 

Maaliif maatiiwwan kunoonsitoota FEN irratti of amanuu akka qaban

Isin eegduu daa’imaatiin olidha

Akka kunuunsaa FFN tti, sirna kenniinsa kunuunsa daa’imaa idileen alatti kunuunsa kennita (kunuunsa guyyaa, wiirtuulee kunuunsa guyyaa, dhiheessitoota eyyama qaban) keessatti. Dhiheessaa seera qabeessa eyyama hin qabne ta’uunis kunuunsitootaaf filannoo biroodha, kunis Sagantaa Deggersa Kunuunsa Daa’immanii keessatti hirmaachuu si dandeessisa. Abuuraan FFN naannoo kee jiru adeemsa Dhiheessaa LNL hundumaa keessatti si deggera.

Waa’ee dhiheessaa LNL dabalataan baradhu
woman reading book to a small child
 
back to top